mbaasiin Itoophiyaa, Ijipti Kaayirootti, argamuu injifannoo Adwaa Waggaa 125 lammiilee Itoophiyaa Ijipti jiraatan waliin kabajuu beeksise.

50

Finfinnee,Guraandhala 22/2013(TOI)- Imbaasiin Itoophiyaa, Ijipti Kaayirootti, argamuu injifannoo Adwaa Waggaa 125 lammiilee Itoophiyaa Ijipti jiraatan waliin kabajuu beeksise.

Ijiptitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Takilee Marqoos, Abbootiin keenya qabasaa’uun injifannoo Adwaa akkuma galmeessissan, dhaloonni har’as nageenyaa biyyaa eegun imala gara badhaadhinaatti taasifamaa jiru keessatti gahe isaanii bahaachuu qabu jedhan.

Qabsoon Abboonni keenya taasisanis rakkoo ammaa biyyaa keessafi alaan nuu muudate tokkuummaan hiikuuf nu gargaaraas jedhaniru.

Lammiileen Itoophiyaa bakka jiranitti faayidaa biyya isaanii eeggsisuu keessatti gahe isaanii bahaachuu qabus kabaja guyyaa ayyaana kanarratti himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015