Misooma magaalaa Ambootiif hawaasaa fi dhaabbileerraa birrii miiliyoona 63 ol deeggarsi taasifame

117

Ambo Guraandhala 28/2011 Mata duree magaalaa Amboo waliin haa misoomsinu jedhuun sagantaa galii walitti qabuuf qophaa’een dhaabbilee fi kutaalee hawaasaa addaddaarraa deeggarsi birrii miiliyoona 63 ol argameera.

Walitti qabaan koree misoomaa magaalaa Amboo fi kantiibaan bulchiinsa magaalichaa obbo Tarrafaa Badhaadhaa akka ibsanitti, sagantaa galii walitti qabuu Guraandhala 28/2011 magaalaa Ambootti qophaa’een galiin argame kanaan dura waadaa kan galame birrii miiliyoona 450 keessaayyu.

Maallaqa kana kenaa kan taasisan abbootii qabeenyaa, baankota, bulchiinsota magaalaa naannoo Oromiyaatti argaman saddetii fi kutaalee hawaasaa kan birooti.

Dabalataanis hooggantoonni godinna Shawaa lixaa fi bulchiinsa magaalaa Amboo mindaa isaanii ji’a tokkoo kennuuf walii galaniiru.

Deeggarsa maallaqaa walitti qabamuun Ambotti hojjechuuf kan karoorfaman keessaa Istaadiyeemii idil addunyaa, arti gaalarii looreet Tsaggaayee Gabramadin, ijaarsa daandii keessoo magaalaa fi paarkii dargaggootaaf hojii uumu keessatti argamu.

Torbee dabe Hoteela Hayaat Rejensiitti sagantaa galii walitti qabuu adeemsifamerratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad misooma Amboof akka oolu sa’aatiin gumaachan caal baasiif dhihaatee birriin miiliyoona shan argamuusaa yaadachiisaniiru.

Misooma magaalaa Ambootiif birrii miiliyoona tokko kan kennan obbo Sayid Daamxoo yaada kennaniin, “magaalaan Amboo amma umuriishee guddachuu dhabuusheetti baay’een quuqaman ture,  amma sagantaa kanatti hirmaadhee deeggarsa taasisuu kootti baay’een gammada, fuuldurattis ittin fufa” jedhaniiru.

Birrii miiliyoona lama kan gumaachan obbo Yoonaas Kaasaahuun gamasaaniitiin fuulduraafis maallaqa amma kanaa akka kennan himaniiru.

Miseensi koree hojii raawwachiiftuu “ODP” obbo Taayyee Danda’aa sirna sagantaa kanarratti Ambo guddisuuf kutaaleen hawaasaa hundi wal ta’anii hojii misoomaarratti hirmaachuudhaan deeggarsasaanii cimsanii akka itti fufan ergaasaanii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015