Caffeen Wixinee Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneenii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf dhiyaate raggaase

288

Finfinnee, Gurraandhala 21,2013(TOI)-Caffeen Wixinee Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneenii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf dhiyaate raggaase.

Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Obbo Lachiisaa Hayyuu Wixinee Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneenii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf qophaa’e kun gara Caffeetti erga dhufee sadarkaa garaa garaatti ilaalamaafi qooda fudhattoota waliin irratti mari’atamaa kan ture ta’uu himan.

Barbaachisummaa wixinichaa Caffeef kan dhiyeessan Hoogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa Obbo Jamaal Kadiir, sirna misooma manaa filannoo bal’aa qabu, dhaqqabamaafi haala qabatamaa magaalota naannoo keenyaatiin walsimu diriirsuun rakkoo mana jireenyaa jiraattota magaalotaa itti fufiinsaan furuudhaaf wixinee qophaa’edha jedhan.

Kana malees, sirna bulchiinsaafi dabarsa manneenii iftoomina qabu, loogii maleessa, haqa qabeessa ta’eefi itti gaafatamummaa mirkaneessuu danda’u diriirsuun manneen mootummaadhaan yookiin qaamoolee adda addaatiin misooman gatii madaalawaan fayyadamtootaaf akka darbaniifi sirnaan akka bulan taasisuuf seeraan deeggaruuf yaadamee wixinee ta’uus ibsaniiru.

Ammaan booda seerri baasuu qabnu mirga qonnaan bulaa kan kabachiisuufi qe'ee isaarraa hin buqqisne ta'uu waan qabuuf, Labsiin kun kana giddu galeessa godhachuun kan qophaa'edha jedhan, Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Obbo Issaa Boruu.

Caffeen Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneenii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf dhiyaate raggaaseera.
OBN gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015