Baala sammuu nama hadoochu kiiloo giraama kuma 4 fi 320 to'annaa jala oole

92

Finfinnee,Gurraandhala19/2013 (TOI)- Baala sammu nama hadoochu kiiloo giraama kuma 4 fi 320 Konkolaata FRSR jedhamuun magaalaa Shaashamannee irraa fe'amee osoo gara Mooyaleetti imaalchifama jiru to'achuu komishiniin Gumurukaa beeksisee.

Baalli sammuu nama hadoochu kun gatii birri miiliyoona 17 baasa jedhamee tilmamaas jedhamera.

Komishinii Gumurukaa Itoophiyaa damee Awaasaa bufaata to'annoo Caacuutti qindeessaa kan ta'aan Komaandar Caalaa Bulchaa akka Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti kaleessa to'anna jala kan olee konkolaachisaan baala sammu nama hadoochu kana fe'ee deema ture to'annaa jala oolera.

Bufaanni to'annoo kun odeeffannoo isa gahee dhimmicha hordofaa kan ture ta'u kan himan qindessaan kun Konkolachisichii garuu lakkoofsa gabatee konkolaataa isaa jijjiiree gowwomsee darbuuf yaale ture jedhaniru.

Ji'a jahaan darbanitti buufannii to'annoo kun meeshaalee birri miiliyoona 88 baasan to'anna jala oolchera.

Kan ammaa kana dabalatee baala sammuu nama hadoochu kiloogiramaa 8 ta'uus to'achuus qindeessaan bufaaticha Komaander Caalaan himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015