Naannoo Sidaamaatti qacarrii seeraan alaa 81 fi daballii sadarkaa 12 akka haqamuu gochuu Komishiniin farra malaanmaltummaa naannicha beeksisera.

155

Finfinnee, Gurraandhala 19/2013 (TOI)- Naannoo Sidaamaatti qacarrii seeraan alaa 81 fi daballii sadarkaa 12 akka haqamuu gochuu Komishiniin farra malaanmaltummaa naannicha beeksisera.

Komishinichi akka beeksiseetti qabeenya ummataa kan ta'e birrii miiliyoona 7.8 qisaasamuu irraa hambiseeras jedhera.

Akka Komishineerri komishiinii farra malaanmaltummaa naannoo Sidaamaa obbo Sixoota Wancaafinoon Tajaajila oduu Itoophiyaatti himanitti, komishinichaaf ittisa malaanmaltummaaf eeruu 56 dhihate keessaa 54 fudhachuun deebi kenneera.

Kanaanis qacarrii seeraan alaa 81 fi daballii sadarkaa seeraan alaa 12 akka haqamuu taasisu obbo Sixootaan himaniru.Hojjetoota bakka lamaa miindaa nyaataa turanii fi hojjetoota mootumma biroo ilaalchisuun sandinii barbaachisu qopha'ee seeraan akka gaafatamaniif gara qaama seeratti darbeeras jedhaniru.

Waldalee soba maqaa misooma paarkii magariisaa fi Kobilistooniin gurma'ani kan turan waldalee 9 osoo kanfaltiin kanfalamuuf jedhuu ittisa malanmaltummaa ariifachiisaan birrii miiliyoona 2 fi kuma 367 hambisuun danda'ameras jedhaniru.

Dhaabbilee adda addaa irraa immoo kallatti garagaran kan fudhatamee ture birri miiliyoona 5.4 argannoo Odiitiin mirkanaa'ee akka deebi'uu taasifamuu komishineerichii himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015