Ministirri Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogas Itoophiyaan damee daandii baaburaa misoomsuun galii argamsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.

54

Finfinnee, Gurraandhala 18/2013 (TOI) – Ministirri Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogas Itoophiyaan damee daandii baaburaa misoomsuun galii argamsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.

Dhaabbanni Geejjiba Baaburaa Idil-addunyaa fi Daandiin Baaburaa Ityoo- Jibuutii tiin mariin karaa Tekinooloojii qunnamtiin mata duree ‘Deeggarsa daandii Baaburaa Afriikaa fi Ilaalcha misooma naannichaa’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Maricha irratti hirmaachaa kan jiran Ministirri Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogaas,Itoophiyaan damee Daandii Baaburaa misoomsuun galii olaanaa irraa argachuuf hojjechaa jirti jedhan.

Kana milkeessuuf dhaabbilee idil-addunyaafii deeggartoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015