Bulchiinsi Magaalaaa Finfinnee Ijaarsa Hospitaala waliigalaa Laaftoo birri miliyoona 548 hojjetamu jalqabsiise.

151

Finfinnee,Gurraandhala 18/2013(TOI)- Bulchiinsi Magaalaaa Finfinnee Ijaarsa Hospitaala waliigalaa Laaftoo jalqabame.

Hospitaalli kun birrii miiliyoona 548 kan ijaaramu yoo ta'u Sagantaa ijaarsa jalqabsiisuu kana irratti Kantiibaa itti aantuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Habeebee fi Ministira Fayyaa Dooktar Liyyaa Taaddasaa argamaniiru.

Hospitaallii Kutaa magaala Lifas silkitti ijaaramu Hospitaala waliigalaa Laaftoo waggaa tokkoof walakkaatti hojjetamee ni xumurama jedhamee karoorfame jedhamera.

Hospitaalli waliigala kun Sireen 374 kan qabu yoo ta'u lammilee miiliyoona 1.5 tajaajila ni kennaa jedhani itti aantuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee aaddee Adaanesch Abeebee.

Waliingahiinsa Tajaajila fayyaa magaalichaa guddisuuf hojjetama kan jiru ta'uus himaniru itti aantuun kantiibaa magaalicha.

Ijarsaa Hospitalaa kanaas kan hojjetu Korporeeshinii hojii ijaarsaa Konstiraakishinii Itoophiyaati jedhamera.

Hospitaala waliigala Laaftoo kan hojjechuuf waggaa 7 dura dhagaan bu'uura kan ka'ame ta'us haga har'aatti ijaarsi isaa osoo hin jalqabiin tureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015