Yaa’iin Komishinaroota Komishinii manneen amala Sirreessaa Federaalaa fi Naannolee gaggeeffamaa jira

45

Finfinnee, Gurraandhala 18/2013 (TOI) - Qabiinsa Mirga namoomaarratti kan xiyyeeffate Yaa’iin 12ffaan Komishinaroota Komishinii manneen amala Sirreessaa Federaalaa fi Naannolee Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi yaada jijjiirramaa fi namuusa ogummaan gargaarramuun qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa, sirreessuu fi tajaajila fooyya’a laachuuf kan kaayyeeffame ta’uu ibsameera.

‘Manneen amala sirreessaa dhaabbilee mirgi namoomaa sirreeffamtootaa itti kabajamu akka ta’an ni hojjenna’ mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.

Yaa’ii kanarratti Komishinarroonni Komishinii manneen amala sirreessaa federaalaa fi naannolee, Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa, abbaan alangaa waliigalaa fi miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dabalatee dhaabbileen idil addunyaa hirmaachaa jiru jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015