Keeniyaan bara 2020 baala shayee biyya alaatti ergite irraa maallaqa doolaara biiliyoona 1 ol argachuu beeksiftetti.

84

Finfinnee, Gurraandhala 18/ 2013(TOI)- Addunyaarra Keeniyaan biyya baala shayee omishuun sadarkaa tokkooffa irratti argamtudha.

Keeniyaan bara 2020 baala shayee biyya alaatti ergite irraa maallaqa doolaara biiliyoona 1 ol argachuu beeksiftetti.

Galii baala shayee kanarraa Keeniyaan argattes yeroon dabalee sababa Vaayirasii Koroonaan sosochiin namaa yeroo dangeffamee tureedha jetteetti.

Daarektarri shayee Keeniyaa akka himetti galiin Keeniyaan bara kana argattee kan bara 2019 dachaan caala.

Yeroo ammaa kana Keeniyaan biyyaa Paakistaniitti baala shayee harka guddaan ergiti. Biyyaa kanatti baalli shayee Keeniyaan ergitu shayee biyya alaatti ergituu keessa harka 46 ta'a.

Paaksistaanitti aanee biyyoonni Keeniyaan baala shayee itti ergitu Gibtsi, Ruusiyaa, Ingiliiz Emireetoota arabaa gamtoomanii, Yamaan, Kazaakistaan, Sudaan, Naajeriyaa fi Poolandi ta'uu daarektarichii himaniru.

Maddi:- CGTN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015