Diyaaspooraan dhalattoota naannoo Tigraay ummattoota naannichaaf deeggarsa namoomaa taasisuu akka qabu Hoji gaggeessaan bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Muluu Naggaa waamicha dhiyeessaan

55

Finfinnee, Gurraandhala 17/2013 (TOI)- Diyaaspooraan dhalattoota naannoo Tigraay ummattoota naannichaaf deeggarsa namoomaa taasisuu akka qabu Hoji gaggeessaan bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Muluu Naggaa waamicha dhiyeessaan.

Dooktar Muluu akka ibanitti, naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa kabachisuutin ummata naannichaarra rakkoo ga’ee furuufi deebisanii dhaabuun cimee itti fufuu ibsaniiru.

Mootummaan federaalaa fi naannoo naannichatti hoji deebisanii dhaabuu fi deeggarsa namoomaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

''Deeggarsi namoomaa siyaasa miti'' kan jedhan Dooktar Muluun, diyaaspooroonni Itoophiyaanoota ta’aan naannoo Tigraayin deebisanii dhaabuuf deeggarsa akka taasisaan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015