Miseensota Miidiyaa idil-addunyaa 11 dabalatee dhaabbilee idil-addunyaa 135f gara Naannoo Tigiraayitti akka imalan heeyyamni kennameefi.

62

Finfinnee,Gurraandhala 17/2013(TOI)- Miseensota Miidiyaa idil-addunyaa 11 dabalatee dhaabbilee idil-addunyaa 135f gara Naannoo Tigiraayitti akka imalan heeyyamni kennameefi.

Naannoo Tigiraayiitti deeggarsa namoomaa taasisuuf dhaabbilee iyyataniifi ulaagaalee idil-addunyaa guutanii kan argaman miseensota miidiyaa idil-addunyaa dabalatee dhaabbilee idil-addunyaa 135 fi hojjetoonni isaanii Naannoo Tigiraay seenuun adeemsa deeggarsa namoomaa akka deeggaraniifi gabaasan heeyyamni kennameera.

Adeemsa deeggarsa namoomaa ariifachiisaa dhaqqabsiisuu hanga ammaa Koree Ministirootaa Qindeessaa Yeroo Ariifachiisaan qindeessuun kanneen deeggarsi isaan barbaachisuufi lammiilee miiliyoona 1.8 kanaan dura sagantaa seeftineetiin hammatamanii deeggarsi taasifamaafii ture dabalatee lammiilee miiliyoona 2.5 deeggarsi namoomaa barbaachisu addaan baasuun walumaagalatti lammiilee miiliyoona 3.1'f deeggarsi taasifamuu danda’eeras jedhameera.

Ministeerri nageenyaa qaamolee biyya keessaafi alaa deeggarsa namoomaa lammiilee kanneeniif geechiisuuf hojiilee hojjetaman deeggaraniif galata dhiyeesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015