Indii Dhaabbata Fayyaa Adduunyaatti qaama sagantaa Koovakiis ( COVAX) kan ta’e talaalli vaayirasii koronaa marsaa jalqabaa Afriikaaf erguun himame.

63

Finfinnee,Guraandhala 17/2013(TOI)- Indii Dhaabbata Fayyaa Adduunyaatti qaama sagantaa Koovakiis ( COVAX) kan ta’e talaalli vaayirasii koronaa marsaa jalqabaa Afriikaaf erguun himame.

Indi Dhaabbata Fayyaa Adduunyaan kan deeggaramtuufi talaalli vaayirasii koronaa biyyasheetti hojjatame raabsaa jalqabaa guyyaa Kibxaata rawwachuushee mootummaan biyyattii beeksiseera.

Talaalli vaayirasii koronan ummata idil-aduunyaa deeggaruuf waadaa galan raawwachuuf talaalliwwan biyyattitti hojjataman dhaabbata Koovakiis ( COVAX) jalatti Afriikaaf erguu jalqabuusaanii Dubbi himan ministeera dhimma alaa Biyyaatti Anuurag Siriivastavaan fuulaa tiiwiitariisaanirratti beeksisuu Rooyitarsii gabaasera.

Dhaabbanni Fayyaa Adduunyaa baatii kana keessaa adduunyaarra guddaa kan ta’ee dhaabbata omisha talaalli ‘Seeram Inistiitiyuutii Of Indiyaa’fi oomishaa “S.K baayoosaayinsii Kooriyaa’ itti fayyadamasaa raggaasuun himameera.

Koovakiis ( COVAX) biyyoota galiin isaanii gadaanaafi giddugaleessa ta’eef talaalli dhiyyeessuuf kan kayyeeffate,

Dhaabbata Fayyaa Adduunyaafi dhaabbilee fayyaa idil-adduunyaa birootiin Inisheetivii hunda’eedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015