Inistiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa appilikeeshinii Moobaayilii leenjii kennuuf gargaaruufi 'COVID -19 Itoophiyaa jedhamu fooyyessee dhiyeessuu beeksise.

81

Finfinnee,Gurraandhala 16/2013(TOI)- Inistiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa appilikeeshinii Moobaayilii leenjii kennuuf gargaaruufi 'COVID -19 Itoophiyaa jedhamu fooyyessee dhiyeessuu beeksise.

Haaluma kanaanis dhimmoonni leenjii appilikeeshinii keessatti haammatamanis sadarkaa weerarrii vaayirasiicha irraa jiru qorachuu,Yaala,tajaajila laabiratoorii,haala itti faalama to’achuufi ittisuu danda’amuufi hubannoo balaa tasaa irratti hawaasni qabu irratti leenjii kennuun akka danda’muu himameera.

Akkasumas manneen barumsaa keessatti weeraricha haala ittisuunifi to’achuun danda’amuufi mana keessatti haala itti fayyadama qorichaa irrattis dhimmoota keessatti eeramnan ta’uu himameera.

Dabalatanis appilikeeshinii Moobaayilii leenjii kennuuf gargaaruufis viidiiyoo barsiisoo ta’aan,gaaffilee garaagaraafi deebii isaanii waliin keessatti hammatamuu himameera.

Itti aanaan Daayiriktera Olaanaa Inistiyuutii Fayyaa Hawaasa Itiyoophiyaatti qindeessan duub deebi COVID 19 Obbo Assachalowu Abaayineeh weerarri vaayiraasicha yeroo gara yerootti dabalaa jira jedhan.

Kanaaf immoo ogeessonni Fayyaa ittisaafi too’annaa vaayiraasicha irratti gahumsaa qabaachuu qabu jedhan.

Appilikeeshinii qaamoleen hundinuu odeeffannoo waayitawaa akka argatanifi ni gargaaraa jedhaniiru.

Namoonni Appilikeeshinii itti fayyadamuu barbaadanis karaa weebsittii http://bit.ly/3apv5J2 irratti tolaan buufachuun fayyadamuu danda’uus jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015