Magaalaa Finfinneetti baatii 7 keessaatti galii birrii biiliyoona 26.7 walitti qabame

81

Finfinnee, Gurraandhala,16/2013(TOI)- Biiroon galiiwwanii magaalaa Finfinnee baatiiwwan torban darbanitti galii birrii biiliyoona 26.7 walitti qabuusaa beeksiseera.

Biirichi bakka hojii geeggessaan magaalichaa obbo Xiratuu Bayyanaa fi hogganaan biirichaa obbo Mulugeetaa Tafarraa argamanitti qamoolee qooda fudhatoota waliin mar'achaa jira.

Biirichi walitti dhufeenyii kaffaltoota gibiraa waliin qabu yeroo gara yerootti fooya'aa jiras jedhera.Bara kanaa galii gibiraa birrii biiliyoona 42 walitti qabuuf hojjetama jira.

Haga ammaattis hojii hojjetameen bu'aan gaarii argameera jedhamera.Kanaanis baatiiwwaan torban darbanitti galii birrii biiliyoona 26.7 walitti qabuun danda'amera.

Kunis karoora waggaa keessaa harkaa 62.59 kan ta'uudha jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015