Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hojii ijaarsa daandii Asfaaltii Jimmaa-Kontaa dhagaa bu'uuraa kaa'uun ifatti eegalchiisaniiru.

85

Finfinnee, Gurraandhala 16/2013 (TOI) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hojii ijaarsa daandii Asfaaltii Jimmaa-Kontaa dhagaa bu'uuraa kaa'uun ifatti eegalchiisaniiru.

Daandichi Kiiloomeetira 80 kan dheeratudha.

Baasiin proojaktii ijaarsa daandii kanaa Birri Biiliyoona 2 fi Miiliyoona 400 fi Miliyoona 23tti siquun kan hojjetamu yoo ta'u himameera.

Baasii kanaafiis Baankii Misooma Afriikaa, Dhaabbata Deeggarsa Addunyaa Jaappaaniif Mootummaa Ityoophiyaatiin qooda fudhataniru.

Muummee ministiraa Dookatar Abiy Ahmad dabalatee Itti aanaa Muummee ministiraa fi Ministira Dhimmaa Ala obbo Dammaqaa Mokonnin fi aanga’oonni olaanoon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015