Ministeerri Barnootaa bara baajata 2013tti walakkaa waggaan baajata harka 55 fayyadamuusaa beeksise.

54

Finfinnee,Gurraandhala 15/2013(TOI)-Ministeerri Barnootaa bara baajata 2013tti walakkaa waggaan baajata harka 55 fayyadamuusaa beeksise.

Ministeerichi itti fayyadaminsi baajata idileesaa,itti fayyadama baajata kaappitaalan yoo madaalamu fooyyee akka qabu beeksiseera. Raawwiin karoora hojii bara 2013 baatii ja'aa ministeerichaa akka ibsutti bajata idileesaa harka 72 yoo fayyadamu,baajata kaapitalasaa immoo harka 49 fayyadameera.

Baajata idileen deeggarsa hoggansa hojii, misooma barnootan,qulqullina barnootaa mirkaneessuunifi damee misooma bu’uura barnoota babal’isuun Birrii miiliyoona 156fi kuma 795 ol fayyadamuun himameera.

Baajata kaappitaalan immoo hoggansa barnootan sirna dhiyyeessi ragaa cimsuuf, sagantaa qulqullina barnoota waligalaa mirkaneessuu fi dameewwan giddugala tekinooloojii koominikeeshiiniitin Birrii miiliyoona 742 fi kuma 389 ol fayyadameera.

Ministeerichi baajata waligalaan kurmaana bara walakkaan Birrii Miiliyoona 899fi kuma 185 ol fayyadamuu beeksiseera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015