Niiwyoorkitti gareen hidha haroomsaaf deeggarsa kennuufi falmu hundaa’e.

87

Finfinnee,Guraandhala 15/2013(TOI)- Niiwyoorkitti gareen hidha haroomsaaf deeggarsa kennuufi falmu hundaa’e.

Niiwyoorkitti gareen Hidha Haroomsa Guddicha Itoophiyaaf (GERD) deeggarsa kennuufi falmu hundaa’uu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ergamaan dhaabbii Itoophiyaa Ambaasaddar Taayyee Atsiqasillaaseen fuulaa tiiwiitariisaanirratti barreessaniiru.

Sirna hundeeffama garichaa marsaareetiin gaggeeffamee kanarratti Ministirri Bishaan Jallisiifi Inarjii Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa hirmaataniiru.

Gareen hundaa’ee kun miseensa hawaasa Itoophiyaa alaa jiraatan, hooggantoota hawaasa siivilii, hayyootafi ogeeyyi of keessatti hammateera jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015