Korri saayinsawaa IGAD 2ffaan dhimma baqattootaa irratti xiyyeeffatu har'a Magaalaa Finfinneetti jalqabeera. - ENA Afaan Oromoo
Korri saayinsawaa IGAD 2ffaan dhimma baqattootaa irratti xiyyeeffatu har'a Magaalaa Finfinneetti jalqabeera.
Finfinnee,Gurraandhala 15/2013(TOI)- Korri saayinsawaa IGAD 2ffaan dhimma baqattootaa irratti xiyyeeffatu har'a Magaalaa Finfinneetti jalqabeera.
Yeroo weerara Vaayiraii Koroonaatti sosochii namaa mata duree jedhuun kan qophaa'ee Korri saayinsawwa kun baqatoota fi buqqaatota irratti kan xiyyeffatedha jedhamera.
Hogganataan olaanaa IGAD dooktar Warqinee Gabayyoo sirna baninsaa kora kanaratti akka dubbatanitti qaxanichatti vaayirasiin koroonaa rakkoo hawaasuma fi dinagdee jabaa uumera.
keessaattu rakkoo kanaaf immoo buqqatoonni fi godaantonni saaxilamoodhas jedhaniru.
Dhaabbatichi biyyoonni miseensa isaa dhiibbaa COVID-19 xiqqeessuuf sirna to'anna qopheessee hojjecha turu kan himani dooktar Warqinaan , ammaas qorannoo gochuun dhiibba dinagdee weerarri vaayirasiii kana qabaqabsii xiqqeessuuf hojjechaa jirachuu himaniru.
Korichi guyyoota sadiif kan turu akka ta’es ibsamee jira.