IGAD Somaaliyaatti walitti bu’insa mootummaafi mormitoota gidduutti mudate akka balaaleffatu beeksise.

106

Finfinnee,Guraandhala 13/2013- IGAD Somaaliyaatti walitti bu’insa mootummaafi mormitoota gidduutti mudate akka balaaleffatu beeksise.

Dhaabbatichi tasgabbii dhabuun siyaasaa dabalaa dhufe haala nageenya biyyattii jeequu akka danda’u ibsaa baaserratti himeera.

IGAD ibsa baaseen Somaaliyaan filannoo gaggeessuuf hojjachaa akka jirtu beeksiseera; Haa ta’uu malee cabinsi seeraa filannoon dura mul’achaa jiru fulduratti biyyattitti burjaaji uumuu akka danda’uu hubachiseera.

Haalli yeroo duudhaalee nageenyarraa argaman kan dhabamsisuu ,adeemsa ijaarsa biyyaarratti rakkoo kan uumuufi adeemsa shororkeessummaa ittisuurratti gahee mataasaa kan bahaatu ta’uus hubachiseera.

Haaluma kanan morkattoonni siyaasaa martuu rakkoo siyaasaa isaan gidduutti mudate hatattamaan furuun hojii Somaaliyaa fayyaduu danda’uu waliin akka hojjatan gaafateera.

IGAD, lammiileen Somaaliyaa garaagarummaa ilaalcha siyaasaa isaan keessa jiru waliigalteen furuu kan danda’an qaama dhunfaasaaniin hogganamuun osoo mari’atanii gaarii akka ta’ee hubachiseera.

Adeemsa kana keessatti IGAD gahee isarraa eegamu bahachuu kan itti fufuu ta’uu ibsasaarratti beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015