Ameerikaan jijjiirama Itoophiyaatti adeemsifamaa jiruuf deeggarsa ogummaa taasisaa akka jirtu ibsame - ENA Afaan Oromoo
Ameerikaan jijjiirama Itoophiyaatti adeemsifamaa jiruuf deeggarsa ogummaa taasisaa akka jirtu ibsame
Finfinnee Guraandhala 26/2011 Ameerikaan Itoophiyaatti dame dhimma nageenyaa dabalatee hojiiwwan riifoormii adeemsifamaa jiruuf deggarsa ogummaa taasisaa akka jirtu ibsame.
Gareen ergamtootaa miseensa kongirasii Ameerikaa Kaareen Baasiin durfamu Itoophiyaatti daawwannaa guyyoota sadii taasisuuf Finfinnee galaniiru.
Miseensi kongirasii Kaareen Baas ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, Ameerikaan deeggarsoota ogummaa addaddaa akka taasiftuuf Itoophiyaan dursitee gaafachuushii ibsaniiru.
Kanarratti hundaa’uudhaan Ameerikaan dame dhimma nageenyaa dabalatee jijjiiramoota Itoophiyaatti adeemsifamaa jiran galmaan ga’uuf deeggarsa ogummaa barbaachisu taasisaa akka jirtu hubachiisaniiru.
Filannoo bara dhufu Itoophiyaatti adeemsifamuuf Ameerikaan deeggarsa ogummaa akka taasifamuuf mirkaneessaniiru.
Baatiiwwan jaa’a dura Itoophiyaatti daawwannaa taasisuusaanii kan ibsan Kaareen Baas, jijjiiramni biyyattiitti taasifamaa jiru akka isaan gammachiisee fi fulla’iinsa akka qabaatu hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Miseensa kongirasii ta’uudhaan waggoota saddetiif hawaasa daldalaa Ameerikaa ilaalchisuudhaan hojjechuusaanii eeranii, Itoophiyaatti invastimantiirratti akka bobba’an nan hojjedha jedhaniiru.
Keessumaa tiraanipoortii, daandii, buufata xayyaaraa fi dameewwan ijaarsa bu’ura misoomaa kanneen biroorratti akka hirmaatan eeraniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiiwwan jijjiiramaa biyya keesatti hijjetanii alattis Afriikaa bahaa tokko taasisuuf hojiin hojjetan jajjabaachuu kan qabu ta’uusaa Kaareen hubachiisaniiru.
Ameerikaan Ertiraatti keessumaa qabannaa mirga namummaa, demokiraasii fi dhimmoota biroorratti riifoormiin akka adeemsifamu hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Lammiileen Ameerikaa kanneen biroo mana hidhaa Ertiraa jiran dhiheenyatti ni hiikamu amantaa jedhu akka qaban himaniiru.
Ameerikaan haala siyaasaa Sudaan keessa jirus dhiheenyatti hordofaa akka jirtu hubachiisaniiru.