Ministirri Muummee Itti Aanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiya Obboo Dammaqaa Mokonnin gita isaani kan Indiyaa waliin Niiwudeehilitti Imbaasii Itoophiyaa haaraa ijaarame eebbisan.

112

Finfinnee,Gurraandhala 12/2013(TOI)- Ministirri Muummee Itti Aanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiya Obboo Dammaqaa Mokonnin gita isaani kan Indiyaa waliin Niiwudeehilitti Imbaasii Itoophiyaa haaraa ijaarame eebbisan.

Obbo Dammaqaan gita isaanii kan Indiyaa Suubraahmaaniyaam Jeeshaankaar waliin tahuun Imbaasi Itoophiyaa magaalaa Guddoo Indiyaa Niiwdeehilitti ijaarsifame eebbisani bananiru.

Eebba imbaasichaa kanarratti Obbo Dammaqaan akka jedhanitti, waliitti dhufeenyi uummata biyyoota lameeni, walitti hidhaminsi daldalaa fi invastimanti yeroo dheeraa kan lakkoofsise tahuus A.L.Warra Awurooppaa bara 1948 irraa eegalee hariiroon diploomaasii bu’uureffame.

Sadarkaa Hoggantoota biyyoota lameeni gidduutti hariroon cimaan gama invastimanti, daldalaa, ijaarsa dandeetti fi barnootaan jiruu irratti dinqisifannaa qaban ibsatani Obbo Dammaqaan.

Qaamoolee ijaarsi Imbaasichaa ijaarame hanga xumuramutti gumaachan galateeffataniiru.Ministirri Dhimma Alaa Indiyaa Suubraahmaaniyaam Jeeshaankaar gamasaaniin walitti dhufeenya biyyoota lamaani bal’achaa jiru dinqisifachuun,keessattu gama invastimanti fi barnootaan jiru jajjabeessaa tahuu isaani akka fakkeenyaatti kan fudhatamuu dha jedhan.

Wayita ammaa kaampaaniwwani Indiyaa 600 ol kaapitaalaa doolaaraa Ameerikaa Biliyoona 5'n hojii invastimanti irratti hirmaatan lammiilee kuma 75 tahaniifis carraa hojii uumuusaani himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015