Ministeerri Geejjibaa fi Baankiin misooma Afrikaa hojiirra oolmaa karoora geejjibarraatti waliin hojjechuuf walii galan

53

Finfinnee, Gurraandhala 11/2013 (TOI) – Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas Daayreektara olaanaa Baankii Misoomaa Afrikaa Cheeproo Amoos Kiiproonoohi waliin mari’ataniiru.

Hojiirra oolmaa karoora waggaa 10 damee Geejjibiraatti waliin hojjechuuf marii taasuiisaniiru.

Aadde Daagmaawiit Mogas haala Baankiin Misoomaa Afrikaa deeggaraa ta’ee itti fufuun danda’amurratti mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Baankichi Doolaara Ameerikaa Ityoophiyaatti hojii misoomaaf oolchuu biiliyoona 1.65 keessaa % 31 damee Geejjibaaf kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Liqii Baankichaan proojektoota daandii hojjetaman irratti hanqina raawwii muul’atan irratti mari’ataniiru.Karoora waggaa 10 damee Geejjibaa milkeessuuf Baankicha waliin hojjechuuf walii galuu isaanii ragaan Minsiteera Geejjibaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015