Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hoggantoota Boordii Yaa’ii Dhaabbilee amantaa Itoophiyaa waliin mari’ataniiru.

55

Finfinnee, Gurraandhala 10/ 2013 (TOI) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hoggantoota Boordii Yaa’ii Dhaabbilee amantaa Itoophiyaa waliin mari’ataniiru.

Tasgabbii fi nageenyi magaalichatti muul’ate itti fufiinsa akka qabaatuuf dhaabbileen amantaa qooda irraa eegamu ba’uu qabu jedhan aadde Adaanach.

Dhaabbileen amantaa nagaan akka bu’uuf mootummaa cinaa ta’uun gumaachi taasiisan olaanaa ta’uu kan ibsan aadde Adaanachi hordoftoonni amantaa sosochii nageenyaa, tokkummaa fi waldanda’uun waliin jiraachuu cimsanii itti fufu qabu jedhan.

Weerarri lafa seeraan alaa dhaabbilee amantaa biratti muul’atu dhaabbachuu qaba kan jedhan aadde Adaanach, dhaabbileen lafa seeraan ala qabatan deebiisuun hawaasaaf fakkeenya ta’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Miseensoonni hoggantoota Boordii Yaa’ii Dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa gama isaaniin, bulchiinsi magaalichaa gaaffilee dhaabbilee amantaa hunda sadarkaa sadarkaan deebisuun seerri akka kabajamuu, gaaffilee hawaasaa ijoo ta’an deebisuuf tattaaffii taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.

Xiyyeeffannoo harka qalleeyyiif bulchiinsi magaalichaa laate galateeffachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii m'.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015