Du’aatii Haadholii % 50 hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

110

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (TOI) – Du’aatii Haadholii % 50 hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Konfaransiin Waldaa Ogeeyyii Yaala Gadaameessaa Fi Ulfaa Ityoophiyaa 29ffaan mata duree ‘dhiibbaa weerarri Covid- 19 eeggumsa fayyaa walhormaata haadholii, daa’immanii fi dargaggootarraan ga’e’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Weerarri Covid- 19 uumamuun eeggumsa fayyaa walhormaatarratti dhiibbaa guddaa uumee turuu Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

Weeraricha ittisuuf sochii bal’aa taasiifameen dhibicha ittisuura darbee rakkoo eeggumsa fayyaa walhormaatarratti uumamu furuun danda’ameera jedhan.

Waldaan Ogeeyyii Yaala Gadaameessaa fi Ulfaa Ityoophiyaa du’a haadholii ittisuurratti hojii bal’aa hojjechuu ibsaniiru.

Waldichi du’aatii haadholii hir’isuuf hojii yaalaa, ijaarsaa dandeettii fi hubannoo cimsuurratti hojjechaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Ministeerri Fayyaa Du’aatii haadholii 50n hir’isuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.

Karoora kana milkeessuuf kaaroora tajaajila maatirraatti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Darajjeen himaniiru.

Waltajjichaarratti ogeeyyiin damichaa idil addunyaa kan hirmaataan yoo ta’uu, barreeffamoonni qorannoo dhiibbaa weerarri Covid- 19 eeggumsa fayyaa walhormaata haadholii, daa’immanii fi dargaggootarraan ga’e ilaachisee dhiyaateera jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015