Ambaasadar Yibalxaan Ayimiroon Sudaanitti Ambaasaaddaroota Raashiyaa fi Swiizarlaand waliin mari’ataniiru.

47

Finfinnee, Gurraandhala 8/2013 (TOI) – Sudaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Yibalxaan Ayimiroon Sudaanitti Ambaasaaddaroota Raashiyaa fi Swiizarlaand waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Yibalxaal haala waqtaawaa naannoo Tigraay, waldhabdee daangaa Itiyoo – Sudaanirratti Sudaanitti Ambaasaaddara Raashiyaa Vilaadmiir Zeeltoovii fi Sudaanitti Ambaasaaddar Swiizarlaand Kiristiyaan Wiintar waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota marii sadee Hidha Haaromsaarrattis marii taasiisaaniiru.

Ambaasaaddarooni kunneen ibsa taasiifameefiif galateeffachuun rakkoon kamiiyyuu mariin furamuu akka qabuu ibsaniiru.

Marii taasiisaniin hubannoo gaarii argachuu ibsuu isaanii ragaan Sudaanitti Imbaasii Itoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015