Waltajjiin Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘sabdaneessummaa obbolummaa Badhaadhina waloof’ jedhuun Sharaatan Addisitti gaggeeffamaa jira.

317

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2013 (TOI) – Waltajjiin Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘sabdaneessummaa obbolummaa Badhaadhina waloof’ jedhuun Sharaatan Addisitti gaggeeffamaa jira.

Pireezdaantiin Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad sagantichaarratti argamuun Maaniifeestoo fi mallattoo dorgammii Filannoo paartichaa ifoomsaniiru.

Waltajjichaan haala biyyaalessaa fi idil addunyaa gadi fageenyaan gamaaggamuun dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyya balaarra buusuu danda’an adda baasuun kallattiin furmaataa ni kaa’ama jedhan itti gaafaatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Binnaalfi Andu’aaleem.

Paartiin Badhaadhinaa Paartii qaama hunda walqixa hammate paartii dhaloota boruu ta’uu ibsaniiru.

Waltajjichaarratti Pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggannoonni mootummaa olaanoon Federaalaa fi naannolee argamaniiru jedhame.

(Suuraan dhaabbata Pireesii Itoophiyaa irraa)

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015