Guyyaa dubartootaa sababeeffachuudhaan gamtaa Afriikaatti waltajjiin marii ni adeemsifama

51

Finfinnee Guraandhala  26/2011 Ministirri dubartootaa, daa’immanii fi dargaggootaa guyyaa dubartootaa idil addunyaa ( Maarch 8) sababeeffachuudhaan gamtaa Afriikaatti waltajjii maree qopheessuusaa beeksise.

Maarchi 8 “xiyyeeffannoo fi kutannoon olaanaan hirmaannaa hunda qabeessaa fi fayyadamummaa dubartootaaf” mata duree jedhuun akka addunyaatti si’a 108f, biyya keenyatti ammo yeroo 43ffaaf Guraandhala 29 bara 2011 ni kabajama.

Kana ilaalchisuunis ministeerri dubartootaa, daa’immanii fi dargaggootaa guyyaa sanatti gamtaa Afriikaa galma Maandeellaatti waltajjii marii qopheessuusaa ibseera.

Marii kanarratti ministiroonni, qondaaltonni mootummaa olaanoo fi dubartoonni naannolee fi magaalota hundarraa baba’an ni argamu jedhameetu eegama.

Dhaabbilee maas-miidiyaa gaaffii fi deebii fi marii paanaalii qopheessaniif, gama fayyaatiin bu’a gadameessaa ittisuu, bu’aaleen teekinooloojii ammayyaa haaraa humnaafi yeroo dubartootaa qusatan, ogeeyyota waa uuman fayyadamtoota waliin wal quunnamsiisuuf haalli mijataan uumameera.

Guyyaa boruus dhaabbileen dhimmi ilaalu, itti gaafatamtoonni mootummaa olaanoon kallattii xiyyeeffannoo ayyaanichaa ilaalchisee ibsa ni kennu jedhamee akka eegamu odeeffannoon ministeericharraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015