Marsariitiin haaraan gatii gabaan ittiin oolee uummanni odeeffannoo irraa argatuu ifa ta'e.

68

Finfinnee, Gurraandhala 5/2013(TOI)- Marsariitiin haaraan gatii gabaan ittiin oolee uummanni odeeffannoo irraa argatu ifa ta'e.

Hogganaan biiroo daldalaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Abduulfattaa Yusuuf akka himanitti, marsariitiin haaraan kun maagaalicha keessaa jiddugalawwan gabaa jiran kan walitti hidhudha jedhani. Waldaaleen bittaa fi gurgurtaa bilbila moobayilaafi karaalee odeeffannoo biroo fayyadamuun odeeffannoo gabaa argachuun bittaa fi gurgurtaa akka argataan ni gargaara jedhaniru.

Dabalataanis Marsariitiin kun dhiheessii oomishalee beekuuf, gatii omishalee seeran alaa dabalee baruuf, hawaasnii gabaa kamitti oomisha akkamii gatii akkamiin akka argatan bakka jiranitti adda baasuuf kan isaan dandeesisu ta'uu hoogganichi beeksisuu

Marsariitiin።"www.aaminfo.gov.et " jedhamu kun jiddugalawwaan gabaa 28n walitti hidhamera. Kanaanis mootumman sirna gabaa ammayyaa dirsuu irratti xiyyeeffatee hojjecha akka jiru obbo Abdulfattaan himaniru.

Sirni odeeffannoo kunis biiroo daldalaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Ejensii saayinsii fi Tekinolojii magaalaa Finfinnetuu waliin qopheesse jedhamera.

Maddi:- Pirees Seekiretari bulchinsa magaalaa Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015