Hospitaalli ammayyaa birrii miiliyoona 700 ijaramee eebbifame.

81

Finfinnee, Gurraandhala 4/2013 (TOI) –Birrii Miiliyoona 700n kan ijaarame Itoophiyaatti Hospitaalli ammayyaa kan Haadholii fi Daa’immanii maqaa Abbabachi Goobanaa mogga'e eebbifameera.

Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee Hospitaalicha eebbiisaaniiru.

Hospitaalli kun lafa karee Meetira kuma 22 irra kan qubate yoo ta’u, baasii birrii miiliyoona 700 ijaarrame jedhame.

Sireewwan ciisichaa 400 fi haadholii 7 sa'aatii walfakkaatuutti yaala baqaqsanii yaaluun deessisuuf humna kan qabuudhas jedhamera.

Kutaawwan Tajaajila giddu gala beekkumsaa 100 kan hammate ta’uus ibsameera.

Sirna eebbaa kanarratti
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee, Preezdaantiin mana Murtii waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii, Abbootiin amantaa, Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015