Uummattonnii fi mootummaan naannoo Affaar meeshaalee nyaata Birrii miiliyoona 9 tilmaamu naannoo Tigraayif laataan

72

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (TOI)- Uummattonnii fi mootummaan naannoo Affaar meeshaalee nyaata Birrii miiliyoona 9 tilmaamu naannoo Tigraayiitti argamuun laataniiru.

Deeggarsicha itti aanaa pireezdaantii naannoo Affaar obbo Elaamaa Abubakaar dabalatee abbootii amantaa fi jaarsooliin biyyaa Maqaleetti argamuun bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayif laataniiru.

Meeshaaleen nyaata kunnen Ruuzaa, daakuu, Sukkaaraa fi teemirii yoo ta’uu, waliigala kuntaala kuma 1 fi 700 ta’uu ibsameera.

Hoji gaggeessaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Muluu Naggaan deeggarsa taasifameef maqaa uummattoota naannoo Tigraayiin galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015