Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz ajjeechaa fi Miidhaa Godinaa Matakkaalitti raawwatameef dhiifama gaafatee.

59

Finfinnee, Gurraandhala 3/2013 (TOI)- Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz ajjeechaa fi Miidhaa Godinaa Matakkaalitti raawwatameef dhiifama gaafatee.

Waltaajjii hoogganttoonni olaanoofi gidduugaleessa Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz taa'amaa ture ibsa ejjennoo abbaa qaphxii 9 baasuun xumurameera.

Haaluma kanaanis Godinaa Matakkalitti ajjeechaa sanyummaa irratti xiyyeeffatee raawwatee fi miidhaa gaheef paartichi dhiifama gaafateera.Akkasumsa hoggantoonni dhimmaa dhuunfaa isaanii galmaan gahachuuf jechaa, Paartiin Badhaadhinaa sirna durii deebisuuf jechuun iddoo lamaaf warraa hojjechaa turan irraattis tarkaanfiin fudhatamuu himan.

Gara fuuladurattis hooggantootaa yakkaa kan keessatti hirmataan akka itti gaafamanis himameera.

Paartichis duudhaafi seera paartichaa kabajuun uummataa karaa haqaa tajajjiluuf akka hojjetamuus himameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015