Oromiyaatti, miidhaan dubartootaafi daa’immanii dabalaa jira

114

Finfinnee, Gurraandhala 3/2013(TOI)-Miidhaa dubartootaafi daa’immanirratti dhaqqabaa jiru ittisuuf waltajjiin sosochii Biiroon Dhimma Dubartotootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa Naannoo Oromiyaa, Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa waliin qindaa’uun Magaalaa Dukamitti taa’amaa jira.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubbartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa Aadde Sa’aada Usmaan akka himanitti, misoomni lakkoofsa dubartootaa walakkaa hawaasaa ta’an kan bakka hin buune dhufu waan hin danda’amneef, miidhaa dubartootarra dhaqqabaa jiru ittisuuf gahee hunduma keenyaa ta’u qaba.

Walatajjichaan miidhaa kanaan walqabate akka Oromiyaatti, Godinni Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Finfinneetti dhiyeenyaan jiraattuus, Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaatti aanee sadarkaa 3farratti argama jedhame.

Bulchaa Ittaanaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Obbo Fiqaaduu Tulluu gochaalee badaa kunneen yeroo ammaas bakkewwan garagaraatti dabalaa kan dhufe ta’uu himanii, rakkoo kaan hambisuuf walitti dhufeenyaan hojjechuu gaafataa jedhan.

OBNtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015