Injifannoon Adwaa agarsiiftuu eenyummaa waloo lammiilee Itoophiyaa hundaati - dooktar Hiruut Kaasaawun

54

Finfinnee,Guraandhala 03/2013(TOI)- Injifannoon Adwaa agarsiiftuu eenyummaa waloo lammiilee Itoophiyaa hundaati jedhan Ministirri Ministeera Aadaafi Turiizimii dooktar Hiruut Kaasaaw.

Dookta Hiruut Kaasaaw yaada “duudhaa kuufamaa” jedhuun marii bara 2012 jalqabamee tureefi dhimmoota seenaafi beekumsa biyya keessaarratti xiyyeeffate kan sababa vaayirasii koroonaan adda citee ture jalqabuu ilaalchisun haasawa taasisaniiru.

Marii kanarrattis Injifannoon Adwaa warroota wanjoon gabrummaa mudatef miira ni danda’ama waan itti uwwiseef duudhaa kana haalan beekuufi beeksisuun nurra eegama jechuun hubachisaniiru.

Yeroo Adwaa sabdaneessummaa lammiilee Itoophiyaarratti diinni garagarummaa uumuuf yaalus lammiileen sabdanessummaan keenya garagarummaa kenyarra tokkummaan walitti nu hidha jechuun Adwaarratti injifataniirus jedhan.

Yeroo ammaa kanas duudhaafi aadaa miidhagaa qabnu diinonni alaa diigu barbaadan waan jiraniif Itoophiyaanummaa Adwaarratti agarsiifne ammas dabaluu qabna jedhan dooktar Hiruut.

Yaanni “mallattoo Injifannoo Adwaa” jedhuun Waldaan Gootota Itoophiyaa, Hayyoonni seenaa, Abbootin amantaafi dhimmamtoonni bakka argamanitti mari’atamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015