Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akkaataa waliin hojjechuun hojjettoota isaanii fayyadamoo taasisuu danda'an irratti guyyaa har'aa magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayi laayititti waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

91

Finfinnee, Gurraandhala 2/2013 (TOI) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akkaataa waliin hojjechuun hojjettoota isaanii fayyadamoo taasisuu danda'an irratti guyyaa har'aa magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayi laayititti waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Sirna mallattoo wal-jijjiruun waliin hojjechuuf karoorfachuu Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kanarratti argamun haasawaa kan taasisan Pireezdaantiin Waldaa Hojjettoota Buleeyyii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Injiinar Taalilaa Dheeressaa waliin hojjechuun daandii guddinaat jedhaniiru.

Waanni dhaabbileen lamaan irratti waliigalanis hojjetoonni daandii xiyyaraa baankiin gamtaa oromiyaa irraa liqaa birrii bittaa manaa, konkolaataa fi kanneen biroof dhala xiqqaan akka argataan kan gargaarudha

Sirnicharratti Pireezdaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Darribee Asfaawuu fi Hojii Geggeessaan Olaanaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Tawaldee Gabra Maariyaam argamaniiru.

Hoji geggeessaan olaanaa daandii xiyyaaraa Itoophiyaa obbo Tawaldee Gabara maariyaam akka jedhanitti walii galteen baankicha waliin ta'ee kun baankoota biroo waliin waldorgomisiisuun liqaa dhala gadanaa qabu waan baankichi dhiheesseefi jedhaniru.

Baankoonni biroos ulaagaa daandiin xiyyaara ka'uun waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiheessaniru.

Pirezidaantiin baankii gamtaa Oromiyaa obbo Darribee Asfawuu akka jedhanitti daandii xayyaara Itoohiyaa waliin gara fuula duratti dijiitaal baankiingi dabalatee waantoota adda addaa waliin hojjechuuf karoora akka qaban himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015