Jiraattonni magaalaa Jinkaa fi godina Goofaa hiriira deeggarsaa bulchiinsa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin hogganamuuf qabaniif bahan

59

Finfinnee, Gurraandhala 1/2013 (TOI)- Jiraattonni magaalaa Jinkaa fi godina Goofaa magaalaa Saawuulaa hiriira deeggarsaa bulchiinsa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin hogganamuuf qabaniif bahaniiru.

Jiraattonni hiriiricha irratti hirmaatan dhaadannoowwan garagaraa dhageessiisaniru.

Hirmaattoonni hiriiricha hoggansaa Dooktar Abiy Ahimadin cina akka dhaabbatan ibsaniiru.Haaluma wal fakkatuun Jiraattonni aanaa addaa Yaam hiriira deeggarsa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif bahaniiru.

Jiraattonni godina Walaayittaa Sooddoos hoggansaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif hiriira deeggarsa bahaniiru.

Hiriira deeggarsichaarratti jiraattonni aanoolee godinicha hundaa fi magaalaa Sooddoorra walitti babba’aan hirmaataNIRU

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015