Aadde Mufariyaat Ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

1234

Finfinnee, Amajjii 28/2013 (TOI)- Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Paarifeeyiit Onaangaa- Aniyaangaa waliin mari’ataniiru.

Aadde Mufaariyaat maarii kanaanis dhimmoota waqtaawaa Itoophiyaarratti marii bu’aa qabeessa taasisuun isaanii ibsameera.

Adeemsa jijjiirama Ityoophiyaa waliin jireenyaan fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf, duudhalee ajaa’ibsiisaa baroota dheeraa ture guddisuuf hojiilee hojjetaa jirturratti Ministirrittiin ibsa taasisaniiru jedhamera.