Magaalaa Gondoritti jiddugalli bittaa fi gurgurtaa elektirooniksii ammaayaa gabaa omishaa Itoophiyaan ijaramee eebbifame.

64

Finfinnee, Amajji, 27/2013(TOI)-Magaalaa Gondoritti jiddugalli bittaa fi gurgurtaa elektirooniksii ammaayaa gabaa omishaa Itoophiyaan ijaramee eebbifame.

Jiddugalli gabaa har'a ebbifamuun hojii jalqabe kun birrii miiliyoona 14fi kuma 800 ijaarame jedhamera.

Jidduugalli kun sadarkaa biyyaatti isa 4ffaa yoo ta'u yeroo tokkootti maamiloota 90 keessummeessu kan danda'u ta'uu hojii geggeesaan olaanaa dhaabbata gabaa omisha Itoophiyaa obbo Wandimaagany Nagaraa sirna eebba jiddugalichaa irratti himaniru.

Jidduugallii gabaa kun naannichatti omishoota omishamaan kanneen akka saliixaa, Ataraa,fi kanneen biroo gabaa biyya alaaf karaa bittaafi gurgurtaa elektiroonikisii ammayyaa dhiiheessuuf kan gargaarudha jedhaniru.

Sirna eebba jiddugalaa kanarratti ministirri daaldalafi Industirii obbo Malaakuu Allibal fi Pirezidaantii naannoo Amaaraa obbo Aganyoowu Tashaagar dabalatee hoggantoonni naannoo fi federaalaa akkasumas daldaltoonni magaala Gondoor baay'een argamaniru jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015