Hiriirri deeggarsaa guutuu Oromiyaa itti fufeera

87

Hiriirri deeggarsaa hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad leellisuufi gammachuu injifannoo Juntaarratti argame ibsu sadarkaa godina Shawaa Kibba Lixaafi bulchiinsa magaalaa Walisootti gaggeeffamera.

Hiriirichaan dhaadannoowwan Paartii Badhaadhinaa, tokkummaafi jaalala ummattootaa faarsan kutaalee hawaasaa danuun qabatameefi sirboota aadaa, agarsiisa aadaan dabaalamees agarsiifamurratti argama.

Haaluma walfakkaatuun Jiraattonni Magaalaa Jimmaafi bulchinsa magaalaa Sulultaa hiriira deeggersaa Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahmadiif bahaniru.

Jiraattonni magaalaa Sulutaa kunneen ‘Jabaa ofii jabeessuun duudhaa keenyaa, Abbichuuf kabaja addaa qabna’ jechuun hiriira nagaa bahaaniiru.

“Hogganaa keenya akka qaroo ija keenyatti ni eegganna” jechuun kabajaafi jaalala ministiira Muummeef qaban ibsaniiru.

Jiraattonni Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee gamasaaniin, aanaalee jahaafi magaaloota sadii keessaa walitti babba’uun Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti sirna olaanaan hiriira deeggarsasaanii gaggeessaaniru.

Magaalaa Buraayyuu Dirree Gujeetti hiriirri deeggarsaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiifi Paartii Badhaadhinaa tumsuuf kan bahame yoo ta’u, jijjiirama waggoottan sadan darbanitti argaman itti fufsiisna jedhaniiru.

Namoonni hiriira bahan nageenya biyya keenyaa ni eegganna, qaamoleen meeshaa waraanaa fayyadamuun aangoo qabaachuufi biyya jeequu barbaadan dhaabbachuu qabuu jedhan.

Hololli miidiyaalee hawaasaan jijjiiramicha gufachiisuuf dhaabbachuu qaba jechuun dhaadannoosaanii dhageesisaniiru.

Jiraattonni Godina Buunnoo Beddellee gamasaaniin deeggarsa Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimadiif qaban hiriira bahuun kan ibsatan yoo ta’u, injifannoo Raayyaan ittisa biyyaa garee juuntarratti goonfates gammachuu itti dhagahame ibsachaa jiru.

Jiraattoonni magaalaa Naqamteefi aanaalee Godina Wallaggaa Bahaa, Godina Qellam Wallaggaa Magaalaa Dambi Doolloofi aanaalee adda addaa hiriira deeggersaa Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimadiif bahaniiru.

"Milkaa'inni Ministira Muummee keenya milkaa'ina saba biyyattii maraati, Gama hundaanuu Ministira Muummee keenya ni deggerra cina isaas ni dhaabbanna" jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015