Lammileen Itoophiyaa Boostaan jirataan doolara kuma 12 arjooman - ENA Afaan Oromoo
Lammileen Itoophiyaa Boostaan jirataan doolara kuma 12 arjooman
79
Finfinnee, Amajji,25/2013(TOI)- Lammileen Itoophiyaa Ameerikaa bulchiinsa Boosten jiraatan Itoophiyaatti kanneen gargaarsa namoomaa barbaadaniif doolara kuma 12 arjooman.
Deeggarsa kanas rikardii maratoonii cabsuun kan beekamu atileet Balayinee Densamoon fi koreen gargarsa kana walitti qaban biroon wal ta'uun Waashigiteenitti kan argamu Imbaasii Itoophiyaatti kennaniru.
Ameerikatti ambaasaddarri guutuu Itoophiyaa Fitsum Aragaa yeroo deeggarsa kana fuudhanitti lammilee deeggarsa kana taasisaan galateeffataniru.
Lammileen Itoophiyaa Bulchiinsa Boosten jiratan yeroo adda addaatti gargarsaa gochaa jirachuus himaniru.
Kanaan dura lammileen Itoophiyaa Boosten jirataan ittisa vaayirasii Koroonaaf doolara kuma 100 taasisuun isaani ni yaadatama.