Addunyaan waggoota dhibba keessatti lafa raaree ta'ee keessaa harka 70 dhabdeetti jedhe dhaabbanni mootummoota gamtoomanii

74

Finfinnee,Amajji,24/2013(TOI)-Addunyaan waggoota dhibba keessatti lafa raaree ta'ee keessaa harka 70 dhabdeetti jedhe dhaabbanni mootummoota gamtoomanii .

Guyyaan yaadannoo lafa raaree(caffawwaa)
bor ni kabajama. Dhaabbanni mootummoota gamtoomaniis kana ilaalchisuun odeeffannoo baaseen addunyarratti bakkeewwan jiidhinsa qaban baay'ee xiqqaacha jiraachuu ibseera.

Sababaa kanaanis bishaan qulqulluun dhugaatiif oolu xiqqaachuus dhaabbatichi ibseera.

Waggoota 100 darbanitti immoo addunyaarra bakkeewwan jidhiinsa (raaree) qaban harki 70 goganii baduun isaanii dhaabbanni mootummoota gamtoomani ifoomsera.

Badiinsi lafa jiidhaa kunis waggaatti dhibba keessa harka tokko dabalaa deema jira. Bakkeewwan kana eegumsi gahaan yoo taasifamuufii baatee addunyaa kana bakka baay'eetti rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuuf saaxiluu danda'as jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015