Naannoo Affaaritti hoomaa Awwannisaa mudate to’achuuf sakattoon Heelikoptariin deeggarame taasifamaa jiraachuu Biiroon misooma qabeenya uumamaafi horsiise bulaa naannichaa beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Affaaritti hoomaa Awwannisaa mudate to’achuuf sakattoon Heelikoptariin deeggarame taasifamaa jiraachuu Biiroon misooma qabeenya uumamaafi horsiise bulaa naannichaa beeksise.
Finfinnee,Amajji 23,2013(TOI-Naannoo Affaaritti hoomaa Awwannisaa mudate to’achuuf sakattoon Heelikoptariin deeggarame taasifamaa jiraachuu Biiroon misooma qabeenya uumamaafi horsiise bulaa naannichaa beeksise.
Naannichaatti hanga ammatti lafa awwannisni irra qubate dabalatee margi lafa heektara kuma 91 ol irra jiru miidhamuun himameera.
Biirichatti Qindeessan Koree Ittisa Awwannisaa Dr.Ayyaalew Shumat naannichatti hoomaan awwannisaa Jibuutiifi Naannoo Somaaleerraan galee Amajjii 9 bara 2013 irraa jalqabee aanaalee 16 keessatti mudateera jedhan.
Hoomaan awwannisas midhaan akka hin miineef hawaasni karaa aadaan hojii ittisuufi to’achuu hojjachaa jiras jedhan.
Hoomaa Awwannisaa mudate kana to’achuuf sakattoon Heelikoptaraan deeggarame taasifamaa jiraachuunis himameera.
Naannichatti weerara awwaannisa kana qolachuuf jalqaba torbee kanarraa kaasee heelikoptaraan deeggaramuun lafti heektarri kuma 415 sakatta’amuu eerameera.