Ji’oota jahaan darbanitti,Paarkiiwwan Indaastirirraa sharafni alaa Doolaara Ameerikaa Miliyoona 100 argame

141

Finfinnee,Amajji 22/2013(TOI) - Ji’oota jahaan darbanitti,Paarkiiwwan Indaastirirraa sharafni alaa Doolaara Ameerikaa Miliyoona 100 argamuu Korpooreeshiniin Misooma Paarkiwwani Indaastiri beeksise.

Bara baajataa bara 2013 kanaan ji’oota jahaan darbanitti namoota 19 oliif carraan hojii uumamuus himameera.

Korpooreeshiniin Misooma Paarkiwwani Indaastiri raawwii hojii walakkaa waggaa Magaalaa Dirree Dhawaatti qorateera.Qorannaa kanaan ji’oota jahan darbanitti,omishaalee Doolaaraa Ameerikaa Miliyoona kuma 83 fi kuma 900 fi kuma 72 ol baasan gabaa alaaf dhiheessuun kan danda’ame yoo tahu, kanneen keessaa oomishinni meeshaalee Ittisaa balaa dhuunfaaf oolan Doolaara Ameerikaa Kuma 500 fi kuma 48 ol kan baasaan tahuu ilallameera.

Kanamalees meeshaalee alaa bitamani gabaa biyya keessaa oluuf kan turan dhaabbilee paarkiiwwan Indaastirii keessa jiraniin oomishuun waan dandahameef, omishaalee Doolaaraa Ameerikaa miliyoona 200 fi kuma 300 fi kuma 25 baasan gabaa biyya keessa dhiheesuun kan dan’amee tahu Korpooreeshinichi beeksiseera.

Korpooreeshiini Misooma Paarkiiwwani Indaastiri keessatti paarkiiwwan omisha eegalan hunduu erga hojii eegalani kaasee hanga ammaatti omishaalee Doolaraa Ameerikaa Birri Miliyoona 500 fi Miliyoona 71 ol baasan gabaa biyya alaatiif dhiheesuun akka danda’amees ibsee jira.

Ji’oota jahan darbanittis dargaggoota kuma 19 fi 757 tahaanif carraan hojii kan uumamee yoo tahu, waliigalaatti hojjattoota warshaa dabalatee lammiilee kuma 70 oliif carraan akka uumamees himee jira.

33

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015