Dhaabbileen barnoota olaanoon har'a baratoota eebbisisaniiru.

60

Finfinnee, Amajjii 22/2013 (TOI ) – Dhaabbileen barnoota olaanoon har'a baratoota eebbisisaniiru.

Haluma kanaan Yuunvarsiitiin Amboo Kaampaasiiwan isaa 4 keessati barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 5 fi 615 eebbisiise.

Eebbifamtoota keessaa 356 digirii lammaaffaa, 6 digirii sadaffaa/PHD/, 20 hakima yaalaa namaa(dooktareetinii fi kanneen hafan ammoo digirii jalqabaa ta’uu ibsameera.

Yuunivarsiitichi barattoota 6 digirii sadaffaa /PHD/n eebbisuun isaa yeroo jalqabaatif ta’uu eerameera.

Eebbiffamtoota keessaa kumni 1 fi 640 barattoota shamarranitti jedhameera.

Oduma walfakkaatuun Yuunivarsitiin Naannoo Oromiyaa barattootaa gosa barnootaa adda addaatiin barsiisaa ture kuma 4 fi 192 eebbisiiseera.

Barattoota eebbifaman kanniin keessaa kumni 3 fi 789 digirii jalqabaa, 403 ammoo digirii 2ffaatiin eebbifamaniiru.

Eebbifamtoota kanneen keessaa kumni 1 fi 626 dubartoota ta’uu ibsameera.

Haaluma walfakatuun Yuunvarsitiin Dambii Doolloos yeroo jalqabaaf barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 59 eebbisiisera.

Yuunvarsitichi barattoota sagantaa idilee 760 fi idileen ala 299 barsiisaa ture kan ebbisisee ta'uu ibsameera.

Barattoota har'a eebbifaman keessaa 543 dubartoota ta’uu yuunivarsitichatti,daaryeektarri qunnamti hawaasaa fi hariiroo alaa gargaaraan proofeesaraa Tamasgeen Alamuun himaniru.

Yuunivarsitiin Saayinsii fi Tekinolojii Finfinnees hara'a baratoota sagantaa idilee fi idileen ala barsisaa ture eebbisisera.

Yunivarsitichi bara kan dabalatee yeroo 6ffaaf baratoota kan eebbisiisu ta'uu kan himan pirezidaantin Yuunivarsiticha doktar Darajjee Ingidaa baratoota idileen baratan keessaa sadarkaa digirii jalqabaan kumani 1fi 52 dhiiraa,yoo ta'u 229 immo dubartoota jedhaniru

Yuunivarsiitichi baratoota digirii laffaan barsisaa tura keessaas dhiiraa 373 fi dubartoota 86, akkasuma yeroo jalqabaaf digirii sadaffaan bara barata 1 eebbisiisera jedhaniru.

Baratoota hara'a eebbifaman keessa harkii 18 dubartootadhas jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015