Birriin sobaa gara Baankii Daldala Itoophiyaatti galuuf ture nootiin abbaa dhibba lamaa kumni 29 to’annoo jala oole.

112

Finfinnee, Amajji, 20/2013(TOI)-Birriin sobaa gara Baankii Daldala Itoophiyaatti galuuf ture nootiin abbaa dhibba lamaa kumni 29 to’annoo jala oole.

Maallaqni sobaa kun kan to’atame Naannoo Amaaraa Godina Gonder giddu galeessa Aanaa Taachi Armaacihoo baankii Daldala Itoophiyaa dame Saanjaa jedhamutti akka ta’e poolisiin beeksise.

Maallaqni kun to’atamuu kan danda’e hojii qulqulleessuu baankichi taasiseen akka ta’eefi namni gocha kana raawwates to’annoo jala ooluu poolisiin beeksisee jira.

Hojii qulqulleessuu poolisiin taasiseen maallaqa kana namni waliin qabame,abbaa isaa waliin sangaa gurguree akka itti kenname himee jira Hawaasni yeroo gabaa keessatti sirna bittaaf gurgurtaa raawwatu bittii sobaan akka hin sobamnee ofeeggannoo akka godhuufi wantoonni shakkii uuman yeroo argamaan immoo Poolisitti akka beeksisaan dhamameera.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015