Kaffaltii beenyaatin wal qabsiisee baatiwwan saddeetiif gufatee kan ture diriirsi sarara baaburaa lafarraa rakkoon isaa furame

85

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (TOI)- Kaffaltii beenyaatin wal qabsiisee baatiwwan saddeetiif gufatee kan ture diriirsi sarara baaburaa lafarraa Awaash- Kombolchaa - Gabaa Haaraa rakkichi furamuun hojiisaa itti fufuu hojii gaggeessaan piroojaktichaa Injinaar Abdulkariim Mahaammad ibsaniiru.

Qaama piroojaktichaa kan ta’ee fi rakkoo dhiyeessii humna elektirikaatin ijaarsii boqonnaa jalqabaa xumuramee tajaajila malee kan turee sararri baaburaa lafarraa Awaash- Kombolchaa – Gabaa Haaraa dhiheenyaatti hojii eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Hoji gaggeesichi boqonna lamaan hojjetamaa kan jiru Awaash- Kombolchaa - Gabaa Haaraa diriirsi sararaa baaburaa lafarraa kiilo meeterri 390 bara 2007 kan eegalee yoo ta’u, bara 2012 xumuramuuf karoorfamee akka ture ibsaniiru.

Diriirsi sararaa baaburaa Awaash- Kombolchaa - Gabaa Haaraa boqonna 2ffaan kiilo meetiraa 122 kafaltiin beenyaa wal qabsiisee waliigalteen dhabamuun hojiichatti gufuu ta’ee turu ibsameera.

Rakkicha furuuf kallattii mootummaan ka’een qonnaan bultoota 480f beenyaa dabalataa Birrii miiliyoona 100 kaffaluun ijaarsi boqonnaa marsaa 2ffaa gufatee ture baatii darbee eegaleera jedhan.

Piroojaktiin baaburaa lafarraa Awaash- Kombolchaa - Gabaa Haaraa hojjetamee kan raawwaatamu Doolaara Ameerikaa Biiliyoonni 1.7tiin ta’uu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015