Naannoo Oromiyaatti Balaa Tiraafikaa Hir’isuuf Yaaliin Taasifamu Itti fufeera

96

Adaamaa Amajjii 18/2013 ( TOI ) Naannoo Oromiyaatti sirna to’annoo geejjibaa diriirsuudhaan yaaliin balaa tiraafikaa hir’isuuf taasifamu cimee itti fufuu abbaan taayitaa geeijjibaa naannichaa ibse.

Abbaan taayitichaa raawwii hojii ji’a jaa’aa kan bara kanaa magaalaa Adaamaatti qorateera.Wayituma kanatti daayireektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Abdulqaadir Huseen akka jedhanitti naannichatti balaan tiraafikaa qaqqabu cimaa ture.

Sirna to’annoo tiraafikaa cimsuudhaan godinaa, aanaa, bulchiinsota magaalaalee akkasumas kanneen dhimmi ilaalu waliin qindoominaan hojjechuudhaan jijjiiramni dhufuu himaniiru.

Abbaa taayitichaatti daayireektarri karooraa fi bajataa obbo Tafarii mokonnin akka jedhanitti qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoominaan hojjechuudhaan balaan lubbuu namaa fi manca’uu qabeenyarra ga’e yeroo walfakkaataa kan waggaa darbee waliin walbiratti yoo ilaalamu dhibbeentaa 4 tuqaa 6n hir’achuu himaniiru.

Walakkaa waggaa bara darbee balaan qaqqabe 664, kan baranaa yeroo wal fakkaataatti qaqqabe 636 akka ta’e eeraniiru.Yeroo wal fakkaataa bara darbee balaan du’aa 829 yoo ta’u, kan baranaa 783, balaan qabeenyarra ga’e hir’achuu himaniiru.

To’annaa tiraafikaa cimsuudhaan guyyoota 45 keessatti danbii tiraafikaa kan cabsan konkolaachiftoota kuma 14 olirratti tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuusaa eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015