Wallagga Bahaatti Sululoota 320 Irratti Hojiin Eegumsi Biyyoo fi Bishaanii Jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Wallagga Bahaatti Sululoota 320 Irratti Hojiin Eegumsi Biyyoo fi Bishaanii Jalqabame
Naqamte, Amajjii 17/2013/TOI/ Godina Wallaggaa bahaa Sululoota 320 irrtti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii jalqabamuusaa waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.
Itti aanaa itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Lammii Aagaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti aanaalee godinichaa 15 gandoota 121 keessatti misoomni sululaa wayitii bonaa kan baranaa dheengadda jalqabameera.
Hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii guyyoota 45 turuuf namoonni kuma 254 fi 608 akka itti hirmaatan beekameera.
Hojii misooma Sululaa kanaan hojiin ittisa biyyoo kiiloomeetira 42 fi istiraakchariiwwan bishaan kuusuuf oolan kuma 418 fi496 akka hojjetamu himameera.
Kana malees lafti miidhaan irraa ga’e heektaarri kuma 20 fi 636 namaa fi beelladaarraa akka ittifammu eerameera.
Akka ibsa itti aanaa itti gaafatamaa kanaatti hojii misooma sululaa kanaaf kan oolan doomaan, akaafaaa fi meeshaaleen barbaachisan kanneen biroon qopheeffamanii hojiitti galameera.