“Mootummaan Itiyoophiyaa beela akka meeshaatti itti fayyadameera” jechuun gabaasa ‘Za Ikoonoomist’ baase mootummaan cimsee akka balaaleffatu beeksiseera.

50

Finfinnee, Amajjii 15,2013(TOI)-
“Mootummaan Itiyoophiyaa beela akka meeshaatti itti fayyadameera” jechuun gabaasa ‘Za Ikoonoomist’ baase mootummaan cimsee akka balaaleffatu beeksiseera.

Barruun ‘Za Ikoonoomist’ duula olaantummaa seeraa kabachiisuu Naannoo Tigiraayitti gaggeeffame waliin walqabatee, gabaase baaseen hojiin mootummaan Itiyoophiyaa hojjechaa jiru ilaalchisuun gabaasa sobaa baasuu ibseera.

Gabaasa baaseen “ Mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigiraayitti beela akka meeshaatti itti fayyadameera” jechuun eereera.
Kanaan walqabatee mootummaan barruu ‘Za Ikoonoomist’iif xalayaa ifaa barreeseera.

Xalayichaan mootummaan Itiyoophiyaa baatiiwwan darban lammiilee miidhamaniif nyaataa fi qorichoota meetriik toonii kuma 31 ol deeggarsa walitti qabuun Naannoo Tigiraayitti erguu beeksiseera.

Dabalataaniis, naannichaatti nageenya lammiilee eeguuf hojiiwwan adda addaa hojjechuu eereera.

Haa ta’utii gabaasa barruun kun baase dogooggora ta’uu eeruun mootummaan gabaasicha akka balaaleeffatu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015