Wallagga bahaatti oomisha bunaa dabaluuf Bunni dulloome gamashamaa jira.

59

Naqamtee,Amajji 15/2013(TOI ) - Wallagga bahaatti hojii eegumsa biyyeefi bishaaniin cinaatti hojiin Buna dullomee haaromsuus hojjetamaa jiraachuu wajjirri qonnaa fi qabeenya umamaa godinicha beeksiseera.

Hojichiis kan jalqabamee kaleessa aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbatti jedhamera.

Godina Wallagga bahaatti lafa heektara kuma 185 caaluu irra Bunnii dhaabbate jira.

Kana keessaas harka 30 kan ta'u Buna dulloomedha.Wajjira qonnaa fi qabeenya umamaa godinichatti durasaan garee oomisha buna obbo Asaffaa Mokoniin akka jedhanitti,qonnaan bultoonni godinchaa hojii kunuunsa qabeenya umamaa hojjechaa jiran cinaatti omishaafi omishitummaa isaanii dabaluuf Buna dulloome kan lafa heektara kuma 1 fi 519 irra jiru ni haaromsu.

Buna dulloome kan lafa heektara 120 irra jiru guutummatti buqqisuun bultuun Bunaa haaraan kan dhaabbatu yoo ta'uu kan hafee immo bakka jiranitti akka Gamashamu obbo Asaffaan himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015