Qorichoonnii fi galteewwan yaalaa gatii birrii miiliyoona 71 ol qaban gara Tigiraayitti ergamuun rabsamaa jira.

62

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (TOI ) - Qorichoonnii fi galteewwan yaalaa gatii birrii miiliyoona 71 ol qaban gara Tigiraayitti ergamuun rabsamaa jira.

Ministeerri Fayyaa FDRI, Ejansiiwwanii fi Biiroon Fayyaa Naannoo Tigiraay tumsitoota namoomaa fi misoomaa waliin ta’uun naannoo Tigiraayiitti deeggarsaa fi deebisanii dhaabuu irratti hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Mootummaan naannoo Tigiraayitti hawaasni tajaajila fayyaa akka argataniif hojjechaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Hanga ammaatti qorichootaa fi galteewwan yaalaa gatii Birrii miiliyoona 71 ol qaban gara Tigiraayitti ergamuun rabsamaa jiraachuu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015